Faayiliin kun odeeffannoo barbaachisaa waa'ee sagantaa kanaa ofkeessaa qaba. Hojii jalqabuun dura odeeffannoo kana sirriitti dubbisi.
Garagalcha OOo-dev kana har'a gatii malee kan fayyadamuu dandeesse gumaattoonni dhuunfaa fi ispoonsaroonni xindoo OOo-dev waan amma tahe kana - mosajjii ofiisii madda-banaa addunyaa irratti dursaa jiru akka tahu waan saxaxani, dagaagsani, yaalani, hiikani, galmeessani, deeggarani, gabaarra oolchanii fi karaa hedduudhaan gargaaraniifi.
Sirna dalagaa Solaariis 10 (hujeeffannoo SPARC) ykn isaa ol
Sirna keerratti galeeloo ammaafii keessaa kuufannoo duwwaa gahaa akka qabduu fi mirgoonni gahiinsaa dubbisuu, barreessuu fi kaasuu akka siif laataman mirkaneeffadhu. Ijaarsa kaasuun dura sagantaalee biroo mara cufi.
Ofeeggannoo: Amalli faayilii iggiteessuu kakaafame Solaris 2.5.1 fi 2.7 Linux NFS 2.0 waliin fayyadamu irratti rakkoo uumuu danda'a. Yoo qeeyyaan sirna kee ulaagaalee kana qabaate, amala faayilii iggiteessuu fayyadamuu akka dhiistu ciminaan si gorsina. Yoo hin taane, yammuu kompuutara Linux irratti faayilii galeeloo NFS fe'amee irraa banuuf yaaltu OOo-dev rarra'ee hafa.
Iyyaatiin Fayyadamaa karaarra jirus akka guuttu si jajjabeessina. Bu'aan Iyyaatii Fayyadamaa OOo-dev uuminsa guutarta ofiisii dhaloota-borii keessatti waaltinni haaraan innaa uumamu saffisaan akka deemu gargaara. Poolisii Matayyaa kana keessatti, hawaasni OOo-dev deetaa matayyaa kee eeguuf ofeeggannoo barbaachisu akamiyyuu ni fudhata.
Hawaasni OpenOffice.org dagaagsa projektii madda banaa barbaachisaa kanarratti tattaaffiin hirmaachuu keetirraa bu'aa guddaa argata.
Muuxannoo saxaxa mosajjii ykn lakkaddeessuu murta'aa qabaattullee proojektii madda banaa barbaachisaa kanaaf gumaacha olaanaa laachuu ni dandeessa. Eeyyee, ati!
OOo-dev 3.4 isa haaraadhaan fayyadamuudhaan akka itti gammaddee fi karaarra akka nutti makamtu abdii qabna.
Hawaasa OpenOffice.org
Portions Copyright 1998, 1999 James Clark. Portions Copyright 1996, 1998 Netscape Communications Corporation.